Seerri dhaddacha ijibbaataatin hiikoo itti kenname yoo haqame ta’e murtiin dirqisiisaa duraan kenname seera haaraa bahe irratti raawwii qabaa? Labsii lafa baadiyyaa haaraa naannoo oromiyaa lakk. 248/2011 waliin kan xiinxalam
Akka qajeeltootti seerri murtiin dirqisiisaa irratti kenname yoo haqame dhimmoota walfakkaatoo booddee jiraniif bu’aa dirqisiisummaa kan hin qabneedha. Fakkeenyaaf labsii Seera HH fooyyeessuuf bahe lakk. 639/2001 bahe qabeenya hin sochoone baankiif ykn dhaabbilee faayinaansiitiif liqiif akka wabiitti qabsiifame ilaalchisee mana murtiitti ykn qaama waliigaltee raawwachiisu fuulduraatti mallatta’uun barbaachisaa akka hin taanee tumuun SHH kwt 1723 jalatti akka haalduree kaa’ee walakkaadhaan hambisee jira. kanaafuu murtiileen kan dura SHH kwt 1723 irratti hundaa’uun qabeenya hin sochoone qabsiisuun walqabatee murtiileen dirqisiisaa kennaman hafaa ta’u.
Yeroo tokko tokko seerri/labsiin tokko kan birootiin yeroo bakka bu’u tumaaleen seera haaraa irratti bahan tumaalee seera duraa irra qabiyyeedhaan garaagarummaa tokkoolee kan hin qabnee ta’u. fakkeenyaaf labsiin hojjataa fi hojjachisaa lakk. 42/85 ta’e labsii lakk. 377/96 tiin bakka bu’u akkasumas yeroo ammaa labsii hojjataa fi hojjachiisaa lakk. 1156/2011 tiin bakka bu’ee jira. tumaaleen tokko labsii duraanii irraa qabiyyeedhaan garaagarummaa kan hin qabneedha. Kanaafuu gaaffiin ka’u danda’u labsiin tokko guutumatti yeroo haqamu tumaan jijjirama irratti hin taasifamne murtiin dirqisiisaa isaa akkam ta’a?kan jedhuudha.
Gama kanaan murtii dhaddacha ijibbaataa jildii 8ffaa lakk. Galmee 18419 ta’e irratti murtaa’e yeroo ilaallu labsiin hojjataa fi hojjachiisaa lakk. 42/85 ta’e labsii 377/96 tiin kan bakka bu’e ta’uus ijoo qabame ilaalchisee labsiileen lamaanuu tuumaalee( qabiyyee) walfakkaataa waan qabaniif murtiin dirqisiisaa labsii 42/85 irratti hundaa’e kenname labsii 377/96 tiif illee raawwii ni qaba jedheera. Ammaas labsiin 377/96 labsii 1156/2011 tiin bakka bu’eera waan ta’eef tuumaalee(qabiyyee) walfakkaata qabaanaan raawwii akka qabu ni hubatama.
Labsiin 1156/2011 erga bahe booda falmii ka’eef MMWFDH ijibbaataa murtii galmee 218918 akkasummas Lakk.G- 215642 (gaafa 27/4/2015 murtaa’e) ta’e irratti kenneen labsiin murtiin dirqisiisaa irratti kenname kan haqamee ta’uus tumaaleen falmiin irratti ka’e kaayyoo fi qabiyyee walfakkaataa waan qabaniif raawwii murtiichaa kan hambisuu miti jedheera. Dabalataan dhaddachi ijibbaataa Lakk.Galmee 234319 kan hin maxxafamnee gaafa 30/4/2015 murtaa’e irratti dhaddachi ijibaataa labsii duraanii bu’uura godhachuun murtiin dirqisiisaa kenne sababa labsiichi haqameef qofa raawwii hin qabu jechuun hin danda’amu jechuun murteesseera. Murtichi itti fuufinsaan raawwii qaba moo?hin qabu?jedhanii murtii kennuuf ijoo seeraa falmisiisaa ta’e sana irratti labsiin haaraa ejjannoo ykn yaada adda ta’e haammachuu fi dhiisuu isaa akkasumas dhaddachi ijibbaataa haala ifa ta’e murtiidhaan tumaa labsii duraanii jijjiruun isaa yoo mirkanaa’eedha. Kanaafuu labsiichi jijjiramuun isaa murtiin dirqisiisaa kenname raawwii hin qabu kan jechisisuu miti.
Akka waliigalatti ejjannoo mana murtii waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataa irra kan hubatamu labsiin haaraa yeroo jijjiramu murtiin dirqisiisaa duraan kenname raawwii hin qabu jechuun dura qabiyyee tumaalee labsiilee lamaan sirnaan xiinxaluun barbaachisaadha. Asitti qabiyyee isaa sirnaan xiinxaluun aangoo abbaa seeraa waan ta’eef of eeggannoodhaan ilaaluu fi sakkatta’uun dhimma murteessaa dha.
Akkaa Naannoo Oromiyaattis labsiin murtiin dirqisiisaa irratti kenname kan jijjiraman jiraatanis keessattuu labsiin lafa baadiyyaa lakk. 248/2015 isa tokkoodha. Kuniis labsiin kun labsii duraan lakk. 130/99 kan haqee yoo ta’u labsii haaraa keessatti tumaaleen qabiyyee walfakkaata qabaniis tumamanii jiru. fakkeenyaaf Labsiin lakk. 130/99 kwt 16 jalatti waldiddaa daangaa lafa qonnaa irratti ka’u ilaalchisee mana murtii idileef dhiyaachuun dura gandatti ilaalmuu akka qabu kaa’a. labsiin haaraa ammaa lakk. 248/2011 kwt 33 jalattiis falmiin daangaa lafaan walqabatee ka’u bulchiinsa gandaa irra eegaluu qaba jechuun tumee jira. Labsii duraanii keessatti waldiddaan ganda irraa ka’u qaba jechuun kaa’ame ilaalchisee MMWF dhaddacha ijibbaataa Jil.24 lakk.galmee 169648 irratti hiikoo kenneen qabiyyee lafa baadiyyaa walqabatee waldhabdeen uumame dhimmichi karaa bulchiinsa gandaa ykn jaarsolii araaratiin ilaalamee waldhabdeen akka hiikamu gochuun garee falmitootaatiif carraa hayyamame malee dirqama akka hin taane, dhimmicha sadarkaa gandaatti jaarsolii bitaaf mirgaa filataniin osoo hin ilaalamin kalattiin mana murtii idileetti dhiyaachuun akka danda’u murtii kenneera. Gama kanaan murtiin kun sababa labsiichi haqameen raawwii hin qabu jechuu dandeenyaa? Gaaffii jedhu kaasaa.
Dabalataan labsiin 248/2011 kwt 58(7) jalatti murtiilee diriqisiisaa labsii kanaan faalleessaan raawwii akka hin qabne tumee jira.( keewwatni kun gaaffi heerawummaa qabaatuus). Haa ta’u malee dhimma kana irratti dhimmi sirnaan ilaalamu qabu qabiyyeen tumaaleen labsii duraa fi ammaa garaagarummaa kan hin qabnee taanaan murtiin dhaddacha ijibbaata itti fuufinsa kan qabu ta’a. kanaafuu dhimmi labsii lafa baadiyyaa lakk. 248/2011 waa’ee waldiddaa ilaalchisee qabiyyee tumaa duraanii waliin walfakkaataa ta’uun isaa hanga mirkannaa’eetti murtiin dhaddacha ijibbaataa raawwii kan qabu ta’a.
Waan dubbistaniif galatoomaa.
When you subscribe to the blog, we will send you an e-mail when there are new updates on the site so you wouldn't miss them.
Comments 2
kaayyoon dhaddacha ijjibaataa seerota federaalaas ta'ee kan naannoo ilaalchisee manneen murtii jidduutti hiikkoo walfakkaataa akka horatan taasisuudha malee seerota jallisanii hiikuu miti. Qabatamaan garuu seerota hedduun keessattuu seeronni naannolee hedduun kaayyoo isaanii irraa maqfamanii hiikkoon karaa dhaddacha ijjibaataatiin irratti kennamee jira, keessattu labsii lafa baadiyyaa irratti. Haa ta'u malee seerri duraan hiikkoon dirqisiisaan irratti kenname haqamee seera haaraadhan bakka buufameera taanan keessattu dhimmoota labsii duraanii irratti ifatti hin tumamne ilaalchisee seerri inni haaran ifatti tumeera taanan sababni murtii dhaddacha ijjibaataa seera haaraa ammaa waliin walitti bu'u hojiirra oolchinuuf hin jiraatu. Sababni isaas labsii caffeen baase hiikkoo dhaddacha ijjibaataatin diiguun hin danda'amu sanayyuu murtii seera diiggame irratti hundaa'ee kennameen. Kanaaf labsii lafa baadiyyaa ilaalchisee dhaddacha ijjibaataa duukaa deemuu caala osoodhuma labsicha sirnaan hojiirra oolchinee dansaadha. Sababni isaas labsiin kun labsii qofa osoo hin taane dugda duuba isaatin imaammata illee kan qabu waan ta'eefi. Galatoomaa
Ati sirritti kaa'atte. Gaheen abbootii murtii falmii qajeelchuu fi murtii kennuu ta’us, seera hiikuu sababeeffachuun seera baasuu hin qaban